Friday, August 30, 2013

DHOKSAA DHOKSAA

DHOKSAA DKOKSAA DHOKSAA ... 
yoon seenaa itti yaadee dubbachuudhaaf yaalee 
danda'ee itti hin ba'u kan inni naaf oole 
 kan inni naaf ta'e, kan gaafa dhibeedhaaf 
gaafa hokkola mucummaa 
caba gaafa durii
Hiriyaa haasofsisee gaafan dhabe marii 
mee kamiin dubbadhee kamiin bira haa dabru 
kan inni naaf ta'e, 
kan inni naaf godhe , 
oggum oolmaa jennaan akka tolaa miti 
irra naaf daddarbee yakkaaf gochaa badii
naanis nama godhe nama namaa gadii 
kanan itti hin yaadiin naaf ta'aaf tilmaamee
 badiin sun hundi hafee  akkanaaf yaadamee
mee maaltu naaf baasa tola oolmaa 
kan kaffaltii hin Qabne jaalala isa dhugaa 
qooda waraanamuuf alangeen reebamuu dhiitaa harka abbaa ormaa 

isan gaafas silaa akkasaa gaafasiitti reebamee dhiitamee dhiigni dhagna kootii lafarra lola'ee caba ogguu hokkoluu takkaa fayya hin qabne
umurii koo guutuu lafarra foqoquu 
badii gochaa kootii waan dhiifama hin qabneef garaachi koo qooqu

mee maalan dagadhaa yoon maraadheef malee...
 osoon fayyaa qabuu osoon ijaan arguu goochaa jaalleen koo jaalalaan mul'isee 
dhiifama naaf godhee dhiiga isaa naaf buusee 
dafqa gaafa kophaa cubbuu kootiif jedhee fannoorratti of dhiisee 
jaalala ijibbaataa lubbuu isaa naaf baase
ana qofaaf miti koon dubbadhaaf malee 
 warrii akka koos jiruu warri inni isaaf oole 
isa inni...
kaan sireerraa ol kaasee 
kaan uffata gaddaa dhagna isaarraa baase 
kaan imimmaam qoorsee 
kaaniif dhugaa baase 

isa inni...
itti siqee dhoksaatti gaafatee 
ifatti namootaaf fala hedduu ;laate 
 eenyutu isa hin beeku goota maqaa argate 
abbaa nama hundaa hundaaf qixa yaadu 
kan inni naaf ta'e yoomuu na duraa hin badu 
hammuman danda'u hamma humna kootii
jedhee dhisaaf malee ...
tasaa itti hin ba'amu kan inni naaf oole 
sobee soba ol kaasee 
kan hin jirre faarfsee 
waan dhugaadhaan jiru dhugummaasaa dhoksee
dhugaa!
 homaa uumee irrattii hin daballee 
kan inni naaf godhe hedduu isaayyuu irraan dhiise malee
safuu isa gola nama hedduu seenee 
mana namaa hedduu isa babbareeche 
nuuf galuu dideef malee....
 waan meeqatu jira kan inni  nuuf tolche 
waan of  harkaa qabnu toora toora galchee
waanta fofokkisa bifaan qaqqajeelche

Akkanatti hin turre silaa kan koo qoodnii
 isatu qooda koo naaf bareeche malee 
qooda biraa dura innaa jalqabaa homtu otuu naa hin galiin mana meeq seene lafa meeq dhaqee boollla meeq galee
waan naaf tolu ta'ee sobee fuula tolee 
gumaa na gaafachaa gatii na baasisaa kisiraa naaf dhalee 

boree mul'ata koo na duraa fudhatee 
waan meeqa na godhee foon koo narraa nyaate 
 sobee soba dhalee kan hin jirree uumee 
du'aan jiraachisa jedhaa...
 maqaa ofii baasee dubbii waliin sukkuumee 
otoo na gowwomsuu 
 gogaa na waqaree  sammuu na dhukkubsee 
sammuu na sochoosuu 
 bara meeqa dabree innan itti gaabbu 
barri ani jiraatti  nama laaluu  jibbuu
har'a yeroon of baru abjuu natti ta'ee yoon callisuuf jedhu callisuu dadhabuu




Mee meerre ulaagaan ati ittiin na jaallatte ...
siifan kufee ka’aa 
lafaanan of dha’aa   
waa’een kee takkumaa boqonnaa naa hin latu 
 halkan na abjoochisee lagarra na fiigsee , 
na rakkisaa bulaa
waan siif godhun dhabe ka’een dhaba dhala
 jettu osoo of harkaa qabduu albaadhummaa laaltu
albaadhummaaf  dhabdee anaaf dhaba dhaltu 
mee natti himi maal koo na jaallattee 
siifan du'aa uf jettee 
afaan keetiin sobdee anaaf biyyoo nyaattee 
biyyoomti naa nyaatu jechuun mee maal bu'aa busa 
yoo garaarraa hin taane immimmaan keen dhiiste dhiigayyuu yoo boossee naafisoo homaa hin goone mee maalre bu'aansa?
 
Gafan si biraa sokku mee maaliif naa boossaa ????
otoon lubbuun jiruu foon koo xireeffattee 
ijji koo isa hin argiin ijjii isaa haa jaamtu 
ija koo abaartee ija keen kakattee 
margaa lafaa cirtee waaqatti na himattee 

dhiigni isaa haadhangala'u
akka rooba gannaa lafarra haa lola'u
naan maaltu na dhibee naaf jennaan ammuma du'ee biyyoo hin ta'uu? 

jettee na abaartee 
jiruun na jibbitee 
firoomarra gaafas jiraa koo lagattee
kan ati barbaaddu ammahoo siif guute 
har'a hoo maaf boossaa maaltu sitti hanqatee ?

yeroo keefan boo'a yeroo kee hin fixiin 
amma harkaan of miitee gaabbiif ofi hin laatiin
gurri gatii qaba tola sitti hin qaayne
yookiin duudaa hin taane 
kan tasa hin dhageenye 
silaa....
 siinis nyaara mimicciiraa
quba daddarbataa 
 gaafa nyaanni gayu harka gogaa nyaataa
huccuu jechuu feenaan qilleensa haguuggataa 
sitt hin agarasiisanii...
at waan gurraan dhageessuuf namuu sitti iyyaa
dhagayi dhagayi dhagayuu siif wayyaa!
  Sanuu gogaa booya googaa ija of diimessee 
waanta biraa kaasee 
ollaattii odeeffata  gadda haadhoosaa dhiisee, 
ishee gaafa tokko gaafa ofiisaa quufee tasatti harkaa baate , 
oolmaa guddaa godhee ishuma yaadatee ,

ayi anillee rabbit na beeka 
laftiyyuu na arga 
maalan isaa hin goone ,
kamin isaa hin taane   
afaanii of fuudhee 
ofii kootii of miidhee 
hamman isaaf oogu 
yoon of harkaa dhabes isa waliin qooqu
 jedha...

Wednesday, July 3, 2013

Elaa Ila Qoore

Dhibee mudaamuddii kulkulfannaa lukaa
gufannaa dukkanaa deemsa halkan walakkaa
filiqqee dhaabbataa galaa ijibbaataa
kun lammata hin ta'u asumat dhumata 

Thursday, June 27, 2013

HIRIYAA

Nama karaa irraa harka namaa ilaalu
Jireenyi hundumtuu nam biraan qajeelu 
Kan garaan koo beeku dhoksaa dhugaa cimaa 
Dhoksaa an qofti beeku ka'een har'a hima
 Dhaabaan gad hordanis qophaasaa  hin dhaabatu
Mukti osoo hin daraariin firii hin harcaafatu


Dameetti uumamee baalli akka jiraatu 
Hiddi lafa hammatee akka jirma baatu 
Hundu waliin malee qophaa isaaa hin jiraatu
Ta'us yoo kophoome gocha isaa hin dagatu 
Nama garaa kootii  hiriyaa ganamaa 
Hiree durii durii kan gaafa uumamaa 
Kan gaafa dukkanaa fi guba  adhuu saafaa
Hiriyaa koo durii innaa mucuca lafaa


kun maal nama dhibaa kan kanaa oliiyoo isiniyyuu beektuu '
 waanan keessa dabre jireenya hoo'ituu
ishee gaafa kophaa gaafa cinaachi koo jiitu
qabaan garagalee  gargaarsa barbaadee ija namaa ilaalee
ribuun dugdaa laafeesan dhabe mogolee
bara miidhama koo cinaacha dagalee  

kophaa koo gad taa'ee yaada kuusee kuusee
humnaan ga'uu dhabnan haamilee of buusee
adeemee hin dhaqqabu,dhaamee hin dhaqqabsiisu
bakka garaa of ga'eess yaadallee of hin ciibsu

dhibee ijoollummaadhaan sammuu na qabate
yaaddoo natti ta'ee keessa koo na nyaate
nadhii mucummaa koo narraa arraabbatee
ciraa koo balleessuuf sa qeensa yaafate
ofirratti ilaalee of dhiphisuu qabee 
silaa humna hin qabuu yaadaan itti cabee 
jireenyi koo hundumtuu garasitti dabee 
falaafis hin ciifnee fallisaayyuu dhibee 
wantan dura hin qabne tokko asii jalqabe 
ifa innaa ijoollummaa qarayyoo koo dhabee

Maaltu ifa malee tarkaanfatee adeemaa ?
yaa jiruu dukkanaa .....
kun yeroo akkanaa abjuutu itti gamaa
kun lafuma walqixxee utaaluuf aggaama 
egaa dubbiin kiyyas kana hin caalu homaa 
akeektuu koo durii ifa innaa ijoollummaa 
kanaafan jedhaanii Hiriyaa Ganamaa 

IHH..AYII..ih yaa innaa yeroo koo  sanaa 
akkuma namaattuu maaltu qabaa ulfinaa
silaa waanti ofii hin godhannee maalqabaa salphina 
UHH...IHH.MUUU yaa innaa yeroo koo  sanaa

akka mimmiixachuu yaada koon hokkoluu 
dafqa bu'aa hin qabne aariin of wallaaluu
jireenya mucummaan rakkoo waliin abbaluu 
gufuu tasa dhufte faana morkii galuu


dhibeen gufuu taate qarootti na ceete
maalan himee fixa waan isheen na goote
bifa namummaa koo anarraa qunciftee
foon lafee kiyyarraa soqxee irraa qorqitee

 toora qaama kooti qilleensa galchitee
gurmuu lafee kiyyaa garaagara baaftee
humnaan harka qabdee rakkootti na laattee
maalan himee fixaa waan isheen na goote



yeroon fiiguu qabuttii milla koo na hiitee
tapha innaa ijoollummaaf qalbii na rarraaftee
hiriyaa na biraa fiigdee quruphistu
 oliif gadi kaattee maatii isheef ergamtu
jireenya baadiyyaa loon bishaan obaaftu
muu yaa qaroo kanaa waan isheen namaa gootu

Saturday, May 5, 2012

YAA WAAQAYYOO NA HINRRAANFATIIN

GUyyaan tokko kan namni eessa jirta maqaan kee eenyu ,eessaa dhuftee anaan jedhuu ni dhufaa laataa?
namni kan qophaa isaa hin dhalanne  sababa horiifi nama dabeef nagaa namaa dhabuun isaa waana nama gaddisiisu keessaa isa guddaa fi hangafa ta'ee nqaztti mul'ata
     yaa waa egaa anis akkuma nama isa kaanii kaayyoon dhaladhee maaliifan namaan wallaalamee laata ?
karaa baay'een kan namni ittiin nama gaafatu yoo jiraate karaa horii kan ta'e wanta nama jibbisiisu lafa kanaa keessaa guddaa dha 
ani yaa waaqayyo kanan dura ittiin of beeku kana hin turre yoonn jedhu ,akkuma nama nama kaayyo boonsaa qabnu keessaa nama tokkoon ture .har'a garuu yaa waaq maaliif nama kaayyoo hin qabne keessatti na lakkoofsisteee laata ?
dalgaan namni tokko har'aa isaa kan boree isaas ittiin boonu keessa inni guddaa kaayyoo isaa akka ta'enan beeka . yaa waaq adaraa kee na hin hirraanfatiin........
guyyaan ani lafa lixu dhabe sana gaafa ani si biran jiraa hin sodaatiin anaan jette sana nan yaadadha .
har'a garuu,gaafa namni toko ille hiriyaan waliin dhaladhee guddadhe na jalaa qabu dude kan eessa jirta ?
    yaa qaaq adaraa ijji ke si'uma taka haala duraa sanaan na haa ilaalu .
galfatan siif laadhu adaraa anaaf godhi mee si'uma takka na madaali

kangooftaa

kan gooftaa koo yoon maal jedhe dubbadhee itti ba'uu akkan danda'u hin beeku .
jaalalli inni addatti anaaf qabu akkana jedhee dubbadhuu fi himuu hin danda'u.
kan goftaan  kiyya keessa na baaasaa jiru hundinuu , goochaan inni anaaf ta'es hammanaan isaa  hin beekamu .
gaafan nama na biradhaabbatu yeroon dhabetti inni ana faana  waan ta'eef
gochaa isaaf galanni ani laadhuf kanaan ni jalqaba .
isas gabaabinatti haala hirraanfatamuuu hin danda'amneen akkuma inni anaaf ta'etti himuf nan yaala