Friday, August 30, 2013

DHOKSAA DHOKSAA

DHOKSAA DKOKSAA DHOKSAA ... 
yoon seenaa itti yaadee dubbachuudhaaf yaalee 
danda'ee itti hin ba'u kan inni naaf oole 
 kan inni naaf ta'e, kan gaafa dhibeedhaaf 
gaafa hokkola mucummaa 
caba gaafa durii
Hiriyaa haasofsisee gaafan dhabe marii 
mee kamiin dubbadhee kamiin bira haa dabru 
kan inni naaf ta'e, 
kan inni naaf godhe , 
oggum oolmaa jennaan akka tolaa miti 
irra naaf daddarbee yakkaaf gochaa badii
naanis nama godhe nama namaa gadii 
kanan itti hin yaadiin naaf ta'aaf tilmaamee
 badiin sun hundi hafee  akkanaaf yaadamee
mee maaltu naaf baasa tola oolmaa 
kan kaffaltii hin Qabne jaalala isa dhugaa 
qooda waraanamuuf alangeen reebamuu dhiitaa harka abbaa ormaa 

isan gaafas silaa akkasaa gaafasiitti reebamee dhiitamee dhiigni dhagna kootii lafarra lola'ee caba ogguu hokkoluu takkaa fayya hin qabne
umurii koo guutuu lafarra foqoquu 
badii gochaa kootii waan dhiifama hin qabneef garaachi koo qooqu

mee maalan dagadhaa yoon maraadheef malee...
 osoon fayyaa qabuu osoon ijaan arguu goochaa jaalleen koo jaalalaan mul'isee 
dhiifama naaf godhee dhiiga isaa naaf buusee 
dafqa gaafa kophaa cubbuu kootiif jedhee fannoorratti of dhiisee 
jaalala ijibbaataa lubbuu isaa naaf baase
ana qofaaf miti koon dubbadhaaf malee 
 warrii akka koos jiruu warri inni isaaf oole 
isa inni...
kaan sireerraa ol kaasee 
kaan uffata gaddaa dhagna isaarraa baase 
kaan imimmaam qoorsee 
kaaniif dhugaa baase 

isa inni...
itti siqee dhoksaatti gaafatee 
ifatti namootaaf fala hedduu ;laate 
 eenyutu isa hin beeku goota maqaa argate 
abbaa nama hundaa hundaaf qixa yaadu 
kan inni naaf ta'e yoomuu na duraa hin badu 
hammuman danda'u hamma humna kootii
jedhee dhisaaf malee ...
tasaa itti hin ba'amu kan inni naaf oole 
sobee soba ol kaasee 
kan hin jirre faarfsee 
waan dhugaadhaan jiru dhugummaasaa dhoksee
dhugaa!
 homaa uumee irrattii hin daballee 
kan inni naaf godhe hedduu isaayyuu irraan dhiise malee
safuu isa gola nama hedduu seenee 
mana namaa hedduu isa babbareeche 
nuuf galuu dideef malee....
 waan meeqatu jira kan inni  nuuf tolche 
waan of  harkaa qabnu toora toora galchee
waanta fofokkisa bifaan qaqqajeelche

Akkanatti hin turre silaa kan koo qoodnii
 isatu qooda koo naaf bareeche malee 
qooda biraa dura innaa jalqabaa homtu otuu naa hin galiin mana meeq seene lafa meeq dhaqee boollla meeq galee
waan naaf tolu ta'ee sobee fuula tolee 
gumaa na gaafachaa gatii na baasisaa kisiraa naaf dhalee 

boree mul'ata koo na duraa fudhatee 
waan meeqa na godhee foon koo narraa nyaate 
 sobee soba dhalee kan hin jirree uumee 
du'aan jiraachisa jedhaa...
 maqaa ofii baasee dubbii waliin sukkuumee 
otoo na gowwomsuu 
 gogaa na waqaree  sammuu na dhukkubsee 
sammuu na sochoosuu 
 bara meeqa dabree innan itti gaabbu 
barri ani jiraatti  nama laaluu  jibbuu
har'a yeroon of baru abjuu natti ta'ee yoon callisuuf jedhu callisuu dadhabuu




Mee meerre ulaagaan ati ittiin na jaallatte ...
siifan kufee ka’aa 
lafaanan of dha’aa   
waa’een kee takkumaa boqonnaa naa hin latu 
 halkan na abjoochisee lagarra na fiigsee , 
na rakkisaa bulaa
waan siif godhun dhabe ka’een dhaba dhala
 jettu osoo of harkaa qabduu albaadhummaa laaltu
albaadhummaaf  dhabdee anaaf dhaba dhaltu 
mee natti himi maal koo na jaallattee 
siifan du'aa uf jettee 
afaan keetiin sobdee anaaf biyyoo nyaattee 
biyyoomti naa nyaatu jechuun mee maal bu'aa busa 
yoo garaarraa hin taane immimmaan keen dhiiste dhiigayyuu yoo boossee naafisoo homaa hin goone mee maalre bu'aansa?
 
Gafan si biraa sokku mee maaliif naa boossaa ????
otoon lubbuun jiruu foon koo xireeffattee 
ijji koo isa hin argiin ijjii isaa haa jaamtu 
ija koo abaartee ija keen kakattee 
margaa lafaa cirtee waaqatti na himattee 

dhiigni isaa haadhangala'u
akka rooba gannaa lafarra haa lola'u
naan maaltu na dhibee naaf jennaan ammuma du'ee biyyoo hin ta'uu? 

jettee na abaartee 
jiruun na jibbitee 
firoomarra gaafas jiraa koo lagattee
kan ati barbaaddu ammahoo siif guute 
har'a hoo maaf boossaa maaltu sitti hanqatee ?

yeroo keefan boo'a yeroo kee hin fixiin 
amma harkaan of miitee gaabbiif ofi hin laatiin
gurri gatii qaba tola sitti hin qaayne
yookiin duudaa hin taane 
kan tasa hin dhageenye 
silaa....
 siinis nyaara mimicciiraa
quba daddarbataa 
 gaafa nyaanni gayu harka gogaa nyaataa
huccuu jechuu feenaan qilleensa haguuggataa 
sitt hin agarasiisanii...
at waan gurraan dhageessuuf namuu sitti iyyaa
dhagayi dhagayi dhagayuu siif wayyaa!
  Sanuu gogaa booya googaa ija of diimessee 
waanta biraa kaasee 
ollaattii odeeffata  gadda haadhoosaa dhiisee, 
ishee gaafa tokko gaafa ofiisaa quufee tasatti harkaa baate , 
oolmaa guddaa godhee ishuma yaadatee ,

ayi anillee rabbit na beeka 
laftiyyuu na arga 
maalan isaa hin goone ,
kamin isaa hin taane   
afaanii of fuudhee 
ofii kootii of miidhee 
hamman isaaf oogu 
yoon of harkaa dhabes isa waliin qooqu
 jedha...
olmaa isaa olkaasee
 guurra itti baasee 
urgeessee mi'eessee 
hamma godheen olitti maal naan jedhuu sodaa
 akka wanta baay'ee gaddee dhukkubsatee
 ih...
jedha gogaa daba ciniinfatee ,
 hadhoo isaa kaleessaa du'aan biraa bade  
mee kun gadda maalii ? 
kan nama dubbiidhaan karratti simatu
 gadda isaa irraanfatee gaarummaasaa himatu 
ani haa gaddu hin jenne 
mataa of joonjessee 
maaf haadhoof hin booyu jechuuf hin dubbanne
 kanan jedhuuf kophaa kana dubbiin haqaa 
sirriin na caqasaa suutan itti dhaqaa 
nuti hunduu nama lafa irratti hin hafnu
ni kaana lafarraa lammummaa asii hin qabnu 
ofirra dabarree hadhoof ta'uu dadhabnee 
wanti lafa rraa na hin ga'uuf jarjaraa
namummaan dhabamee ofittummaan duunee  
jiraatti wali hin beeknuu
wal beeknus maal godha
  waa hoo walii hin goonuu 
gaafa siif mijatu sitti fafakkatee waan ofii godhatte ,...
 ittiin ollaa dhiibda 
gaariin osoo jiruu badii gochuuf fiigda
ittiin kaansaa bittee 
badiif ababbaltee 
ittiin gowwomsitee 
maatiisaa harkaa diigda 
yookiin inni maaf argatee waansaa harkatti jibbita 
osoo waa si hin godhiin diina itti taata inaaffaan si hudhee ija itti babaafta 


    






 

No comments: