Thursday, June 27, 2013

HIRIYAA

Nama karaa irraa harka namaa ilaalu
Jireenyi hundumtuu nam biraan qajeelu 
Kan garaan koo beeku dhoksaa dhugaa cimaa 
Dhoksaa an qofti beeku ka'een har'a hima
 Dhaabaan gad hordanis qophaasaa  hin dhaabatu
Mukti osoo hin daraariin firii hin harcaafatu


Dameetti uumamee baalli akka jiraatu 
Hiddi lafa hammatee akka jirma baatu 
Hundu waliin malee qophaa isaaa hin jiraatu
Ta'us yoo kophoome gocha isaa hin dagatu 
Nama garaa kootii  hiriyaa ganamaa 
Hiree durii durii kan gaafa uumamaa 
Kan gaafa dukkanaa fi guba  adhuu saafaa
Hiriyaa koo durii innaa mucuca lafaa


kun maal nama dhibaa kan kanaa oliiyoo isiniyyuu beektuu '
 waanan keessa dabre jireenya hoo'ituu
ishee gaafa kophaa gaafa cinaachi koo jiitu
qabaan garagalee  gargaarsa barbaadee ija namaa ilaalee
ribuun dugdaa laafeesan dhabe mogolee
bara miidhama koo cinaacha dagalee  

kophaa koo gad taa'ee yaada kuusee kuusee
humnaan ga'uu dhabnan haamilee of buusee
adeemee hin dhaqqabu,dhaamee hin dhaqqabsiisu
bakka garaa of ga'eess yaadallee of hin ciibsu

dhibee ijoollummaadhaan sammuu na qabate
yaaddoo natti ta'ee keessa koo na nyaate
nadhii mucummaa koo narraa arraabbatee
ciraa koo balleessuuf sa qeensa yaafate
ofirratti ilaalee of dhiphisuu qabee 
silaa humna hin qabuu yaadaan itti cabee 
jireenyi koo hundumtuu garasitti dabee 
falaafis hin ciifnee fallisaayyuu dhibee 
wantan dura hin qabne tokko asii jalqabe 
ifa innaa ijoollummaa qarayyoo koo dhabee

Maaltu ifa malee tarkaanfatee adeemaa ?
yaa jiruu dukkanaa .....
kun yeroo akkanaa abjuutu itti gamaa
kun lafuma walqixxee utaaluuf aggaama 
egaa dubbiin kiyyas kana hin caalu homaa 
akeektuu koo durii ifa innaa ijoollummaa 
kanaafan jedhaanii Hiriyaa Ganamaa 

IHH..AYII..ih yaa innaa yeroo koo  sanaa 
akkuma namaattuu maaltu qabaa ulfinaa
silaa waanti ofii hin godhannee maalqabaa salphina 
UHH...IHH.MUUU yaa innaa yeroo koo  sanaa

akka mimmiixachuu yaada koon hokkoluu 
dafqa bu'aa hin qabne aariin of wallaaluu
jireenya mucummaan rakkoo waliin abbaluu 
gufuu tasa dhufte faana morkii galuu


dhibeen gufuu taate qarootti na ceete
maalan himee fixa waan isheen na goote
bifa namummaa koo anarraa qunciftee
foon lafee kiyyarraa soqxee irraa qorqitee

 toora qaama kooti qilleensa galchitee
gurmuu lafee kiyyaa garaagara baaftee
humnaan harka qabdee rakkootti na laattee
maalan himee fixaa waan isheen na goote



yeroon fiiguu qabuttii milla koo na hiitee
tapha innaa ijoollummaaf qalbii na rarraaftee
hiriyaa na biraa fiigdee quruphistu
 oliif gadi kaattee maatii isheef ergamtu
jireenya baadiyyaa loon bishaan obaaftu
muu yaa qaroo kanaa waan isheen namaa gootu

No comments: